header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Haleellaa Boombii Somaaliyaa magaalaa Maqdishoo keessatti raawwatameen lubbuun namaa galaafatame

Haleellaa Alhada har’aa magaalaa Maqdishoo keessatti waajjiraalee mootummaa irratti xiyyeefate kanaan, yoo xiqqaate namoonni jaha kan ajjeefaman tahuu qondaaltonni biyyattii himan. Haleellaan kun boombii konkolaataa irratti kiyyeefameen kan raawwatame yoo tahu, gamoon mana barumsaa tokkos kan barbadaaye tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Dubbi himaan bulchiinsa magaalaa Maqdishoo Salaah Hasan Umer ripoortarootaaf ibsa kenneen, nammoota ajjeefaman jidduu 3 siviilota yoo tahan, 3 ammoo humnoota tika biyyatti konkolaataa bombiin irratti kiyyeefame dhaabsisuuf yaalaa turan tahuu ibse. Ijoollee 6 dabalatee namoonni 14 ammoo madaayanii jiru. Namootni madaayan hedduun barattoota mana barumsa sadarkaa lammaaffaa haleellaa kanaan barbaadaye keessa turan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Gareen hidhattoota Alshabaab haleellaa kana raawwachuu ibsuun, itti gaafatamummaa fudhatee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button