header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Maaleezhiyaan Dr. Zaakir Naayik Indiyaaf dabarsitee kan hin kennine tahuu beeksiste

Mootummaan Indiyaa bara 2016 irraa eegalee hayyuu Islaamaa Dr. Zaakir Naayik irratti,  himannaa dharaa “namoota Shororkeessummaaf kakaasuu fi maallaqa seeraan alaa daddabarsuu”jedhu banuun isaa ni yaadatam.  Haaluma kanaan qondaaltonni Indiyaa, dhaabbata Dr. Zaakir Naayikiin bu’uureffame IRF, (Islamic research foundation) jedhamu ugguruun, Dr. Zaakir Naayik hidhuuf kan barbaadaa jiran tahuun ni beekama.

 

Dr. Zaakir yeroo ammaa Maaleezhiyaa keessa kan jiraatu yoo tahu, Mootummaan Indiyaa, Maleezhiyaan Dr. Zaakir Naayik dabarsitee akka kennituuf gaafate. Muummichi ministeera Maaleezhiyaa Mahtiir Muhammad dhimmicha irratti guyyaa dheengaddaa ibsa kenneen, mootummaan Indiyaa himannaa dharaa Dr. Zaakir Naayik irratti baneef, ragaa qabatamaa tokkoollee dhiheessuu kan hin danda’in tahuu ibsuun, mootummaan Maleezhiyaa keessummaa kabajamaa biyya isaa kana dabarsee kan hin kennine tahuu hime.

 

Abbaan taayitaa to’annoo maallaqa seeraan alaa Indiyaa bara dabre, Qorannoon Abbaan Alangaa biyyattii dhaabbiilee Dr Zaakir Naayik irratti gaggeessaa jiru seeraan alaa fi kan dhugaa irratti hundaaye waan hin tahiniif akka dhaabbatu jechuun ajajee ture. Haa ta’u malee abbaan alangaa biyyattii sababa dharaa kaayuun himannicha irra deebi’uun bane.

 

Haaluma walfakkaatuun dhaabbanni poolisii addunyaatis baruma dabre keessa,  Dr. Zaakir Naayik akka qabamuuf gaaffiin Indiyaan dhiheessite ragaa gahaa hin qabu,  jechuun kuffisuun isaa ni yaadatama.

 

2 Comments

  1. Yaa Rabii Nama dina isalama ofii kijiba ira kafi demu marra dini isalama iti Urgesi Qajelachi yaa Alhaa yaa Rabii Aminiiiiii Aminiiiiii Aminiiiiii yaa Rabii dini kena oli nu qabii yaa Alhaa

  2. yaa rabbi humni fi mallis keettu jabaadhaa daa’iiwwan ulamaa’aota keenya hunda isaan jiranitti nuuf tiysi inshaa allah sima abdanna rabbii koo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button