header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Jaappaan bubbee Taayfuun jedhamuun dhahamte.

Bubbeen kun Kibba Jaappaan magaalaa Koobee kutaa Hyoogoo jedhamurraa ka’uun gara kutaa biyyattii bubbisutti jira.

Bubbeen Taayfuun Jeebii jedhamu kun waggaa 25 booda kan jalqabaa yoo tahu, sa’aa tokko keessatti saffisa Kiiloomeetira 216tiin bubbisa. Bubbeen kun rooba cimaafi balaa sigiga lafaa hordofsiisa jedhamee sodaatama.

Sababaa Bubbee kanaatiif yeroo ammaa Jaappaan keessatti tajaajjilli geejjiba xayyaaraafi geejjibni baaburaa addaan citee jira.
Muummichi Ministeera Jaappaan imala daawwannaa kibba biyyattiitti imaluuf karoorsee ture addaan kutuun, jiraattonni of eeggannoo barbaachisu akka godhuu qaban dhaamsa dabarsee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button