header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sirni Hajjii Bara kanaa Namoota Talaallii COVID-19 fudhatan qofaaf kan hayyamamu tahuu ibsame

Ministeerri Fayyaaa Sa’uudii muslimoonni sirna Hajjii bara kanaa irratti hirmaachuuf hawwii qaban, dirqama talaallii COVID-19′ fudhachuun kan isaan irraa eeggamu tahuu beeksise jechuun gaazeexxaan biyyattii Okaz jedhamu gabaase.

Akka gabaasa kanaatti, Ministeerri fayyaa biyyattii Tofiiq Al Raabiyaa ibsa wixata dheengaddaa sirna hajjii bara kanaa ilaalchisee keennen “muslimoonni sirna Hajjii baranaa irratti hirmaachuuf karoora qaban hundi isaanii dirqama  talaallii COVID-19 fudhachuu  qabanii”jedhe.

Guutuu Addunyaa irraa waggaa waggaan muslimoonni miliyoona lama ol sirna Hajjii raawwatuuf gara Sa’uudii imaluun ni beekama, haa ta’u malee waggaa dabre Sa’uudiin  sababa weerara  COVID-19 balbala cufachuun, namoota biyyattii keessatti argaman 1000 qofaaf hayyamuun ni yaadatama.

Sirna hajjii bara kanaa irratti immoo namoonni hagam akka hirmaataniif fi akkasumas biyyoota addunyaa garagaraa irraa akka hirmaataniif hayyamuu fi dhiisuu ilaalchisee Mootummaa Sa’uudii irraa wanti ibsame hin jiru.

Sirni hajjii bara kanaa July 17,2021 jalqabamee July 22 xumurama jedhamee tilmaamama, Itoophiyaan immoo talaallii COVID-19 marsaa duraa sirni hajjii jalqabuu ji’a tokko dura akka alaa galfattu ibsite.

4 Comments

  1. yarabbii kiyyaa dhibee balafamaa kanaa nuraa kasii yaa allh yarabbii fulaa kee nuraa hin garagalchinii

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button