header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dargaggoota qophii simannaa ABO irra turaniifi, dargaggota magaalaa Finfinnee jiddutti walitti bu’iinsi uumame.

Hogantoonni Adda Bilisummaa Oromoo fi hidhatoonni Addichaa 1300 tahan fulbana 5/2011 gara biyyaatti galuuf tahuu eega gabaafame booda, ummanni godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa gara magaalaa Finfinneetti imalaa jira. Akkasumas dargaggoonni magaalaa Finfinfinnee fi naannawa san jiraatanis Addabaabaayiwwan magaalaa keessatti argamanitti Alaabaa dhabaa kan jiran yoo tahu, iddoo tokko tokkotti jiraattoota waliin walitti bu’iinsi jiraatuu odeeyfannoon ni adeessa.

Guyyaa har’aa naannawa Phawuloositti dargaggoota Alaabaa Simannaa dhaaba turanii fi namoota naannawa san irraa gareen ijaaraman jiddutti walitti bu’iinsi ka’uu fi dargaggoonni lama miidhamuu namni magaalaa Finfinnee irra dubbisne nuf hime.

Akka Namni kun jedhetti:
” Ka’umsi walitti bu’iinsaa dargaggoota halluu diibaa turan, namoonni tokko tokko immoo dhufanii dibuu dhoorkan yeroo kanatti walitti bu’iinsi ka’e, akkasumas qaamonni nageenyaa nagaaya kabajsiisuuf yaaliin godhame hin jiru” jedhe.

 

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button