header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee humna nageenya booressuuf socho’u kamiyyuu kan hin obsine tahuu beeksise

 

Itti Aanan Kantiibaa magaala Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa, simannaa boru hoggantoota ABOtiif godhamaa jiruun walqabatee walitti bu’iinsa uumamaa jiru ilaalchisee guyyaa har’aa ibsa kenneen, “ummata fi ummata walitti buusuufi nageenya magaalichaa booressuuf humna socha’u kamuu bulchiinsi magaalichaa hin obsu”jedhe.

 

Kanaan dura jiraattootni magaalattii dhaabbilee siyaasaa fi gareewwan heddu karaa nagayaatiin simachaa akkuma ture,  hoggantoota ABO miira obbolummaa fi tasgabbiin akka simatan gaafate.

Simannaa fi alaabaa sabaaba godhachuun ummata jidduutti walitti bu’iinsa hin malle warra uumuf socha’an irratti,  bulchiinsi magaalattii tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu ibse.

 

Gama biraatiin ammoo ummanni kumaatamaan lakkaahamu nannolee Oromiyaa hundarraa magaalaa Finfinnee kan seenaa jiru yoo tahu, iddoowwan tokko tokkotti jiraattota magaalattii waliin walitti bu’iinsi kan uumame tahuun beekamee jira. Poolisiin Federaalaa Lixa Oromiyaa irraa karaa Burrayyuutiin dargaggoota seenaa turan irratti dhukaasuun, lubbuun dargaggoo tokkoo kan galaafatame tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button