header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Gamtaan Biyyoota Islaamaa qabsoo walabummaa Falasxiin gama hundaan kan deeggaru tahuu beeksise

Hoggantoonni biyyoota miseensa gamtichaa walgahii Sa’uudii magaalaa Kabajamtuu Makka keessatti geggeessan Sabtii har’aa xumuruun ibsa kan baasan yoo tahu, biyyoota “Al-Quds/Jerusalem magaalaa guddoo Israa’el” jechuun imbaasii isaanii garasitti jijjiiran hunda balaaleffatanii jiru. Ameerikaa dabalatee biyyoonni seeraa addunyaa cabsuun imbaasii gara Al-Qudsi jijjiiran hundi murtii isaanii irra deebi’uun akka jijjiran gaafatan.

 

Hoggantoonni biyyoota 57 ibsa isaanii kana irratti, biyyoonni miseensa gamtichaa hundi, hariiroo biyyoota Imbaasii gara Al-Qudsitti jijjiiran waliin qaban irra deebi’anii ilaaluun, tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf kan walii galan tahuu beeksisan.

 

Dabalataanis, Ummanni Falasxiin mirga isaanii hunda osoo hin sharafamin mirkaneeffachuuf, keessumattuu mirga hiree isaanii murteeffachuu fi Biyya Walaba taate ijaarachuuf qabsoo godhaa jiran biyyoonni miseensa gamtichaa haal duree tokkoon malee kan deeggaran tahuu ibsan.

 

Gama biraatiin ammoo hoggantoonni gamtichaa haleellaa dhiheenya kana Sa’uudii fi Emreets irratti raawwatames kan balaaleffattan yoo tahu,  haleellaan akkasii kun kan naannicha qofa irratti raawwatame osoo hin taane, kan nageenya addunyaa  hundaa irratti aggaamame jechuun ibsan.

 

Waamicha mootummaan Sa’uudii dhiheesseen, Gamtaan Biyyoota Arabaa(Arab League), Gamtaan Biyyoota Galoo Galaan Arabiyaa(GCC) fi Gamtaan Biyyoota Islaamaa (IOC)’n wal gahii Khamisaa dabre irraa eeggalee Makkah keessatti geggeessaa turan har’a xumuran.

Gamtaa Biyyoota Islaamaa1

 

 

 

3 Comments

  1. Oduuwwan keessan kara app nural hudaatiin nu dhaqqabaa jiru haalaan bareedaafii araada natti tahaa dhufe yaanni kiyya jabaadhaa itti fufaa isiniin jechuun barbaada galatoomaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button