AfrikaaOdeeyfannoo
Manni murtii ol’aanaa Keeniyaa ol iyyannaa guyyaan Filannoo akka jijjiiramuuf gaafatame osoo hin ilaalin hafe.
Filannoon Prezdaantummaa Keenyaa irraa deebiin October26/2017tti geggeeffamuuf karoorfammee ture, kadhimamaa Paartii mormituu Raayilaa Odiingaa dabalatee, dhaabbileen adda addaa haalli adeemsa boordii filannoo yoo hin sirraayin guyyaan filannoo akka jijjiramu gaafachaa turaniiru.

Mormitoonni gama isaaniitiin guyyaa boruu uummanni bahee akka hin filanne waamicha dhiyeessaa jiru.