header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Manni murtii ol’aanaa Keeniyaa ol iyyannaa guyyaan Filannoo akka jijjiiramuuf gaafatame osoo hin ilaalin hafe.

Filannoon Prezdaantummaa Keenyaa irraa deebiin  October26/2017tti geggeeffamuuf karoorfammee ture, kadhimamaa Paartii mormituu Raayilaa Odiingaa dabalatee, dhaabbileen adda addaa  haalli adeemsa boordii filannoo yoo hin sirraayin guyyaan filannoo  akka jijjiramu gaafachaa turaniiru.
Haaluma kanaan ol’iyyannoo mormitoonni siyaasa beekkamoon  dhiheessan Manni murtii Ol’aanaa Keeniyaa Roobii har’aa ilaaluuf beellamee ture. Haata’u malee Manni murtii olaanaa Keeniyaa abbootiin murtii hundi dhaddacha irratti waan hin argamniif, dhimmicha ganama har’aa laaluu kan hin dandahin ta’uu beeksise. kanaafuu hanga guyyaa har’aa waaree boodaatti manni murtichaa dhimmicha kan hin ilaalle yoo tahe, filannoon boruuf beellamame ni adeemsifama jedhamaa jira.
Mormitoonni gama isaaniitiin guyyaa boruu uummanni bahee akka hin filanne waamicha dhiyeessaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button