header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sa’udiin Daandii Baaburaa Makkaa fi Madiinaa wal qunnamsiisu eebbisiiste

Daandii Baabura Saffisaa magaalaa Jiddaa keessa qaxxaamuruun magaalota kabajamoo Makkaa fi Madiinaa wal qunnamsiisu kana, Kiibxata kaleessaa Malik Salmaan kan eebbisiise tahuun beekameera. Pirojektiin Daandii Baaburaa kilomeetra 450 dheeratuu kun, Baabura 35 kanneen Sa’aa tokko keessatti kilomeetra 300 saffisan kan qabu yoo tahu,  walumaa galattii doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 16 kan itti bahe tahuun beekameera.

 

Ministeerri Geejjiba Sa’udii Nabiil Al-Amuudii sirna eebbaa buufata magaalaa Jiddaa keessatti geeggeffame irratti  haasaya godheen, “Imalli magaalota Kabajamoo lamaan jidduu godhamu, kana booda salphaa fi gabaabaa taha. Projektiin kun Islaamummaa fi Muslimoota tajaajiluudhaaf kutannoo nuti qabnu mul’isa”jechuun ibse.

Daandiin Baaburaa kun buufataalee shan kan qabu yoo tahu, kunis magaalota Makkah, Jiddaa, Magaalaa Diinagdee Malik Abdullah, Buufata Xiyyaaraa Malik Abdulaziiz fi Madiinaa keessa akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa. Daandiin Baaburaa kun Isniina dhuftu irraa hujii kan jalqabu tahuun beekameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button