header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Balaa kirkira lafaa Indoneezhiyaa keessatti muudateen lakkoofsi namoota du’anii 830 ol akka gahe gabaafame

Ejensiin ittisa balaa biyyatti akka jedhetti, carraaqqiin namoota gamoowwan jalatti awwaalamanii lubbuun baraaruu kan itti fufe tahuu beeksise. Balaan kirkira lafaa kun magaalaa Paaluutiin alattis naannolee heddu keessatti miidhaan dhaqqabsiise bal’aa waan taheef, lakkoofsi namoota du’anii ammas dabaluu kan danda’u tahuu gabaasni argame ni ibsa.

Qondaaltonni biyyattii akka jedhanitti, balaan  kun naannoo magaalaa Dongala jedhamtuu tan Kaabaa magaalaa Paaluutti argamtu keessatti miidhaan dhaqqabsiise kan jalqaba tilmaamamee ol tahuu himan. Prezdaantiin biyyattii Joko Widodo Alhada har’aa gara naannawa balaa kanaan miidhamee imaluun, carraaqqii namoota lubbuun baraaruu  godhamaa jiru kan daaw’ate tahuun beekameera. Prezdaant Joko Widodo ibsa miidiyaaleef kenneen, waraana biyyattii dabalatee dhaabbilee mootummaa dhimmi ilaallatu hunda, gara naannichaa duuluun carraaqqii lubbuu baraaruu fi gargaarsa barbaachisu kennuu irratti akka hirmaatan kan ajaje tahuu hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button