
Lakkoofsi Namoota Balaa Kirkira lafaa Indooneezhiyaa keessatti muudateen du’anii 1,234 gahe
Balaa kirkira lafaa guyyaa afur dura Indooneezhiyaa Oddoola Sulawesitti muudateen lakkoofsi namoota du’anii 1,234 gahuu ejeensiin ittisa balaa biyyattii beeksise. Dubbii himaan ejensichaa Sutopo Purwo Nugroho ibsa ganama har’aa kenneen, jiraattonni naannolee balaa kanaan miidhamanii 62,000 ol qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uun kaampiilee 24 keessatti qubsiifamuu ibse. Dabalataanis namoonni 99 hanga ammaatti achi buuteen Isaanii kan dhabame tahuu gabaasni arganne ni addeessa.
Naannichatti namoonni balaa kana irraa hafan rakkoo soorataa fi bishaan dhugaatiif kan saaxilaman yoo tahu, keessumattuu Jiraattonni magaalaa Paaluu hedduun Isaanii daandiiwwan irratti bahanii deeggarsa gaafataa jiraatuu odeeffannoon ni mul’isa.
Jiraattonni magaalota Paaluu fi Dongaalaa hanga har’aatuu kirkirri biroo ni muudata soda jedhuun mana isaanii gad lakkisuun ala jiru.


