header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Boordiin Majlisa Federaalaa Tarkaanfii Manni Marii Ulamaa Itoophiyaa Obbo Kamaal Haaruun koree Boordii irraa ugguruuf fudhate kuffise

Manni marii Ulamaa Itoophiyaa, barreessaa boordii Majlisa Federaalaa Obbo Kamaal Haaruun sababoota, maallaqa baasii fi gaalii Hajjii bara 2011 saamuu, hoggantoota Majlisa duraanii beekkamtii malee hojjiirraa kaasuu, qabeenya Majlisaa harka isaanii ture beekkamtii Mana Marii Ulamaa alatti irraa fuudhu, mindaan hojjattootaa akka hin kaffalamne uggure jedhuun miseensummaa boordii irraa ugguruu fi tarkaanfiin fudhatame koree jijjirama dhaabilee hawaasa muslimaa dabalatee hawaasa muslimaa kan dallansiise tahuu gabaasnee ture.

Haaluma walfakkaatuun Boordii Majlisa Federaalaa guyyaa har’aa barreesseen, yakki Obbo Kamaal Haaruun irratti dhiyaate maqaballeessaa fi kan fudhatama hin qabne jechuun kuffise.

Boordiichi keessumattuu yeroo Hajjii bara 2011tti baasii fi gaalii ture oditeeroota alattiin hojjachiisee, gabaasa mana marii Ulamaaf dhiheessuuf yaalii godhuus, fuudhuuf fedhii dhabuu isaanii hordofuun kan dhiheessuu hin danda’iin tahus beeksise.

Itti ida’uunis boordiichi, “Manni Marii Ulamaa fi Koreen Boordiitis kan uummataan yeroo dhaaf bakka buufaman tahuu iibsuun, eenyuyyuu wal ugguruu hin dandeenye”ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button