Mootummaan Gaaffii Waraanni Makkalaakayaa kaaseef deebisaa kan kennu tahuu ibse

Haalli magaalaa Finfinnee keessatti guyyaa har’aa uumamee ture nagayaan kan hiikame tahuun beekame. Waajjirri muummicha ministeeraa ibsa baaseen, guyyaa har’aa miseensonni Makkalaakayaa iddoo adda addaa irraa walitti dhufan gara masaraa mootummaa dhaquun gaaffii mirgaa kan dhiheessan tahuu beeksise. Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad fi Itti aanaan muummicha ministeeraa Obbo Dammaqe Makonnin miseensota Makkalaakayaa kanneen waliin bal’inaan kan mari’atan tahuu gabaafame.
Gaafiin miseensonni waraanaa kaasan dirqama akka biyyaatitti isaanitti kenname waliin kan walqabate ta’uu ibsi waajjira muummicha ministeeraa irraa bahe ni addeessa. Mootummaan gaafii miseensota Makkalaakayaa kana akka gaafii lammiiwwan biyyattitti kan ilaaluu fi deebisaa gahaa kennuudhaaf kan carraaqu tahuu beeksise.