header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Lammileen Briteen karoora muummichi ministeeraa Paarlaamaa uguuruuf baase mormuun magaalota biyyattii heddu keessatti hariira geggeessaa jiran

Muummichi ministeera Briteen  Boris Johnson karoora biyyattiin gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf jalqabde galmaan gahuuf jecha,  danqaa paarlaamaa biyyattii irraa isa muudatu hambisuuf September 10/2019-October 14/2019tti  Paarlaamaa biyyattii torbaan shaniif cufuuf kan karoorfate tahuu ibsee ture.

 

Haata’u malee karoorri muummicha ministeeraa kun biyyattii keessatti mormii cimaa kaasee jira. Haaluma kanaan lammiileen Briteen kuma heddutti lakkaahaman Sabtii har’aa karoora muummichi ministeeraa Paarlaamaa uguuruuf baase mormuun, magaalota biyyattii heddu keessatti hiriira kan geggeessaa jiru tahuun beekame. Magaalota kenneen jidduu; London, Manchester, Oxford , Leeds, York fi Belfast keessatti argamu.

 

Gama birootiin ammoo hoggantoonni Paartii mormituu fi miseensonni Paarlaamaa biyyyattii ‘Boris Johnson adeemsa gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf biyyaattiin hordofaa jirtu irratti, marii fi mormiin gahaan akka hin geggeefamne godhaa jira”jechuun mana murtiitti himannaa kan banan tahuun beekamee jira .  Dabalataanis lammiileen Britee miiliyoona 1.5 ol tahan “adeemsi Paarlaamaa cufuu kun seeraan ala”jechuun mallatteessanii mana murtiitti kan dabarsan yoo tahu, manni murtii Khamiisa dhuftu dhimmicha ilaaluu kan jalqabu tahuu ibsame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button