header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibeen Iboolaa Koongoo-DRC irraa gara biyyoota ollaa babal’ataa jira jechuun akeekkachiise

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO’n akka jedhetti, dhibeen Iboolaa ji’a lama dura Ripaalika Dimokraatawa Koongoo keessatti ka’e hanga ammaatti too’annaa jala kan hin oolin tahuu beeksise. Dhaabbatichi ibsa kenneen, dhibee kana too’achuudhaaf duulli bal’aan kan geggeefamaa jiru tahus, Koongoo irraa gara biyyoota ollaa keessumattuu gara Yugaandaa fi Ruwaandaa kan babal’ataa jiru tahuu mallattoowwan kan mul’atan  tahuu akeekkachiise.

 

 

Dhibee Iboolaa kana Koongoo keessatti guututti too’annaa jala oolchuudhaaf yoo xiqqaate baatii afur kan fudhatu tahuu gabaasichi ni mul’isa. Itti gaafatamaan WHO damee Koongoo Peter Salaamaa Rooytersiif akka himetti, rakoon guddaan garee isaa muudataa jiru, namoonni dhibee Iboolaatiin qabaman hojjattoota fayyaa jalaa waan dhokataniif Vaayirasiin Iboolaa salphatti daddarbaa jira jedhe.

 

Dhaabbanni IRC jedhamu gama isaatiin, torbaan dabre keessa qofa Koongoo magaalaa Beni jedhamtu keessatti namoota dhibee Iboolaatiin haaraya qabaman  33 kan galmeesse tahuu ibse. Haleellaan hidhattootaa duula dhibee Iboolaa to’aachuudhaaf Koongoo keessatti godhamaa jiru, yeroo heddu kan gufachiise tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button