Prezdaantiin Zimbaabwee kan duraanii Robert Mugabe du’uu gabaafame
Prezdaant Robert Mugabe biyyattiin Kolonii Briteen jalaa eega bilisa baatee booda waggaa dheeraaf Zimbaabwee kan hoggane yoo tahu, November, 2017 taayitaa isaa gadi lakkisuun ni yaadatama.
Robert Mugabeen qabsoo bilisummaa biyyattii yeroo hogganaa turetti yeroo heddu kan hidhamee ture yoo tahu, eega biyyattiin Kolonii Briteen jalaa baatee booda ammoo Zimbaabwee keessatti tajaajila Fayyaa fooyyeessuu fi Barnoota babal’isuun danda’ee jira.
Haaluma wal fakkaatuun, waggoota dheeraaf diinagdee Zimbaabwee cimaa tahe ijaaree kan ture tahus, qoqqoobbii hamaa biyyoonni lixaa irra kaahaniin diinagdeen biyyattii deebi’ee kan kufe tahuun ni beekama. Prezdaant Mugaabeen lafa qonnaa babal’aa warri adiin qabatee ture, ummata biyyaatii qooduu isaatiin Briteen fi mootummoota lixaa kanneen biroo waliin wal dhabbii cimaa keessaa kan galee ture tahuun ni beekama.
Manguddoon waggaa 95 Robert Mugabe April dabre irraa jalqabee rakkoo fayyaa isa muudataa ture hordofuu Singapor keessatti yaalamaa kan ture tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
As wr wb garee NuuralHudaa kuni jabati beksis add adda hunda Asumarti nuf baxansa ganale