header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Indoneezhiyaan Caccabaa Xiyyaara galaana Jaavaa keessatti kufee argachuu beeksiste

Indoneezhiyaan Caccabaa Xiyyaara galaana Jaavaa keessatti kufee argachuu beeksiste

 

 

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa

October 31, 2018

 

 

Isniina darbe Xiyyaarri daandii qilleensaa Lion Air jedhamuu namoota 189 fe’atee magaalaa guddoo biyyattii Jaakaartaa irraa gara iddoola Sumaatraa imalaa ture, galaana Jaavaa keessatti kufuun imaltoonni hundinuu dhuman. reeffi namoota 50 kan argame yoo tahu, Kanneen hafan ammoo achi buuteen isaanii hanga ammaatti kan dhabame tahuu gabaafame.

 

 

Ejensiin ittisa balaa biyyattii ibsa guyyaa hardhaa baaseen ammoo, Caaccabaan qaama  Xiyyaarichaa murteessaa ta’e galaana keessatti maashiniidhaan  kan mul’ate akka tahee fi qaama xiyyaarichaa kana galaana keessaa baasuudhaaf Markabni garasitti kan ergame tahuu beeksise. Xiyyaarri guyyaa dheengaddaa kufe kun xiyyaara haaraya tahus, mootummaan Indoneezhiyaa xiyyaaronni kubbaaniyyaa kanaa hundi hujii dhaabanii akka sakatta’aman ajaja dabarsee jira.

 

 

Balaa Xiyyaara Indoneezhiyaa12

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button