header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen dhimma hawaasa Muslimaa irratti qorannoo akka geggeessuuf hundeeffame gaazexeessotaaf ibsa kenne 

Koreen miseensota 9 qabu kun dhimma hawaasa muslimaa irratti qorannoo geggeessuun, rakkoolee hawaasichaatiif yaada furmaataa akka qopheessuuf muummicha ministeeraatiin kan hundeeffame tahuun ni yaadatama. Haaluma kanaan Koreen kun guyyaa hundeeffame irraa kaasee maal hojjataa akka ture, haala kamiin hojjataa akka turee fi sadarkaa maal irra akka gahe, akkasumas dhimmoota hujii isaaniitiin walqabatan kanneen biroo  irratti guyyaa hardhaa Gaazexeessotaaf  ibsa bal’aa kennee jira.

 

Koreen kun ibsa isaa kana irratti, dirqamni itti kenname bal’aa fi of dhimmoota eeggannoo cimaan hojjatamuu qaban waan taheef, hawaasni muslimaatis dhimma salphaa akka hin tahin hubatuun adeemsa hujii kanaa irratti obsaan akka isaan cinaa dhaabbatu gaafatee jira.

 

Hojiiwwaan hanga ammaatti hojjataman ilaalchisee dhimmoota gurguddoo ibsaman jiduu;

koreen kun hojiin itti kenname bal’aa fi humna dabalataa kan barbaadu tahuu hubatuun, hojii kana galmaan gahuudhaaf koree ogeeyyota adda addaa dabalataan  akka hundeesse fi koreewwan hundeeffamanis dirqama hujii isaanitti kenname kan raawwataa jiran tahuu beeksise.

 

Dirqama hujii koree kanatti kennameen alattis dabalataan rakkoolee hawaasa muslimaa karaa adda addaatiin gara isaa dhfaa ture hiikuudhaaf yaalii godhaa akka turee fi kun immoo hamma tokko yeroo kan isarraa fudhate tahuu ibse.

Koreen kun dhaabbata cimaa ummata Islaamaa hunda of jalatti hammate hundeessuuf tokkummaa fi walii galteedhaan yeroo hojii isaa raawwataa jiru kanatti, gareewwan tokko tokko miseensota koree kanaa irratti ololaa dharaa fi maqaballeessa geggeessaa kan jiran tahuu ibsuun, gareewwan kunniin hojii isaanii irraa yoo kan of hin qusanne tahe, koreen immoo amma booda callisee kan hin ilaalle tahuu akeekkachiise.

 

Dhumarrattis Koreen kun hojii isaa xumuraa waan jiruuf ummanni obsaan eegatuun alatti, gochoota rakkoo uuman, keessumaayyu kannen akka imaama masjiida jijjiiruu, masjiidota to’annaa garee tokkoo jala galchuuf socho’uu irra akka of qusatu dhaame. Keessumattuu daa’iiwwaanii fi Ulamaa’onni dhimmoota akkanaa irraatti akka of eeggannoo godhan akeekkachiise.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button