header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Konfiransiin Nageenyaa fi Tokkummaa ibsa ijjannoo qabxii 7 qabu baasuun goolabame

Konfiransii mata duree ‘Nageenyaa fi Tokkummaa’ jedhuun Majlisni Naannoo Hararii qopheesse kaleessa Muddee 18,2012 jalqabe yoo tahu, Hoggantoonni Majlisa naannoolee saglanii fi bulchinsa magaalota lamaanii, akkasuma Ulamaan, Du’aanni, hayyoonni seenaa fi siyaasaa Konfiransicha irratti hirmaatan guyyaa har’aa ibsa ijjannoo qabxii 7 qabu baasuun goolaban.

1. Ummanni keenya qaamolee karaa adda addaatiin Muslimoota jiddutti garaagarummaa fiduuf shira xaxuuf socho’an, shira isaanii fashaleessuun, carraaqqii tokkummaa keenya cimsuuf godhamu hunda deeggaruun dirqama isa irraa eeggamu akka bahu qabu dhaamsa dabarsina.

2. Ibsa ijjannoo Majlisni Federaalaa haleellaa Masjidoota fi saamicha qabeenya hawaasa Muslimaa magaalaa Mooxaa irratti raawwatame ilaalchisee balaaleeffatuun baase ni deggarra. Akkasuma akka hojii irra ooluuf deeggarsa nurraa eeggamu kamuu kan goonu tahuu ibsina. Gaaffiiwwan Majlisni Federaalaa baaseef qaamni ilaallatu hatattamaan deebisaa akka itti keennu ni yaadachiisna.

3. Hawaasni Muslimaa akkuma kanaan dura hordoftoota amantaa biroo waliin barsiisaa fi ajaja Islaamummaa bu’ura godhatuun, eenyummaa isaa kabachisiisuun akka jiraatu dhaamsa dabarsina.

4. Gabaasa midiyaaleen sarbaminsa mirgaa fi haleellaa Muslimoota irratti raawwatamu jijjiiruun ykn callisuun akkasumaas olola dharaa oofuun loogii raawwatan cimsinee balaaleeffanna. Gochi akkasii kun kan baroota dheeraaf raawwatamaa turee fi ammaas itti fufee jiru waan ta’eef mootummaan hundee irraa akka haaromsa godhu ni gaaffanna.

5. Gocha naannoo Amaaraa godina baha Goojjaam magaalaa Mooxaatti bifa qindaaween Masjidoota keenyaa fi qabeenya Muslimootaa adda baasanii gubuu, barbaaddeesuu, Saamuufi sochiilee biroottis mootummaan naannichaa dhabsiisuu dhabuu isaa akkasumas gocha raawwatame callisuun kallattii biraa qabsiisuuf yaalii godhaa jiru jabeessine balaaleefanna.

6. Mootummaan Federaalaa aggaammii guutuu biyyattiitti Masjidootaafi ummata Muslimaa irratti raawwatamu dhaabsisuun nageenya ummata keenyaa akka mirkaneessu hubachiifnsa. Fuulduraafis gochi wal-fakkaataan akka hin mudanne dirqama isa irraa eeggamu akka bahu gaafanna. Kana galmaan gahuuf immoo gama keenyaan deeggarsa nurraa eeggamu godhuuf qophii tahuu keenya beeksisna.

7. Konfiransii nageenyaafi Tokkummaa magaalaa Hararitti geggeeffame irratti yaada qaamolee kutaa hawaasaa garagaraa irraa Koree Dhaabbataa Tokkummaa, Nageenyaa fi Araaraa hundeessuuf dhiyaate guutumaan guututti kan deeggaru tahuu fi hojjirra oolchuuf kan hojjannu tahuu mirkaneesina jedha.
Konfiransiin itti anu immoo magaalaa Dirree Dhawaatti geggeeffama jedhamee eegama.

One Comment

  1. AsWr wb obboleeyyan keenya odeeffannoo wayitaawaadha nuun gahaa jirtanii galatooma.Nutilleen isin duukaa jirraa jabaadhaa.Ummata muslimaa qofa osoo hintaane ummata oromoo hundaa tokkummeessaa jirtanii galatootaa jazakallah keeyran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button