header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Eertiraa irraa qoqqobbii kaase

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii qoqqobbii woggoota sagaliif Eertiraa irra kaahee ture kan kaase tahuu gabaafame. Manni maree nageenyaa waggaa sagal dura Eertiraan garee hidhattoota Somaaliyaa deeggarti sababa jedhuun qoqqobbii irra kaahe. Qoqqoobbii Eeritraa irra kaahamee ture jidduu, uggura bittaa fi gurgurtaa meeshaa waraanaa, qabeenyi biyyattii akka hin sochoone ittifamuu fi Sochiin qondaaltota biyyattii daangeffamuu ture.

 

Eertiraan yeroo ammoo biyyoota olla isii keessumattuu Ityoophiyaa fi Somaaliyaa waliin hariiroo qabdu saffisaan foyyessaa waan jirtuuf, qoqqobbiin irra ture akka ka’uuf  jechuun Briteen mana marii nageenyaatiif yaada kan dhiheessite tahuun beekamee jira.  Waajjirri muummicha ministeera  Ityoophiyaa ibsa galagala kana  baaseen ammoo, Ertiraa irraa qoqqobbin ka’uun kan isa gammachiise tahuu beeksise.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button