Mootummaan Sa’uudii namoota ajjeechaa Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii keessaa harka qaban jidduu shan irratti adabbii du’aa murteessuuf akka tahe gabaafame

Abbaan Alangaa walii galaa Sa’uudii Sa’uud Al-Mawjib ibsa Khamiisa hardhaa Riyaad keessatti kenneen, ajaja qondaaltota tikaa shaniitiin Jamaal Khaashoqji Summiin waraanamee eega ajjeefameen booda, reeffi isaa cicciramee qonsilaan alatti kan gatame tahuu hime. Sa’uud Al-Mawjib akka jedhetti, namoota shanan yakka kana ajajan irratti adabbiin du’aa akka murtaahuuf, Abbaan Alangaa mootummaan Sa’uudii mana murtii kan gaafatu tahuu ibse.
Haaluma walfakkaatuun Ji’a darbe abbaan alangaa Turkiyaatis Jamaal Khaashoqjii gara qonsilaa akkuma seeneen humnoota tikaa Sa’uudiitiin kan ajjeefame tahuu ibsuun isaa ni yaadatama. Turkiyaan namoota yakka kana raawwatan mootummaan Sa’uudii dabarsee akka kennuuf kan gaafatte yoo tahu, Sa’uudiin ammoo gaafii kana hin fudhanne. Mootummaan Sa’uudii yakka kana gad fageenyaan kan qorataa jiru tahuu ibsuun, ajjeechaa kanaan walqabatee namoota 18 akka hidhee fi qondaaltota ol’aanoo 5 ammoo hujii irraa kan ari’e tahuu himaa ture.