header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Shaashamanneetti Sagantaan Da’awaa fi Barnootaa Guddaan geggeeffame

Sagantaan Da’awaa fi Barnootaa magaalaa Shaashamanneetti Alhada har’aa geggeeffame kana irratti miseensonno Koree furmaata barbadduu hawaasa muslimaa jidduu, Sheik Makkata Muhee, Ustaaz Yaasin Nuuruu,Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Ahmad Musxafaa argamanii jiru. Daa’iin beekkamaan Qamar Huseen fi Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaatis saganticha irratti kan hirmaatan tahuu odeeyfannoon arganne ni ibsa.

Ustaaz Yaasin Nuuruu mata duree Towhiida irratti Ustaaz Ahmaddiin Jabal ammo “Akkamitti hawaasa milkaayaa fi dhageetti qabu tahuu dandeenya”mata dure jedhu irratti barnoota kennanii jiru.

Hawaasni Muslimaa magaalaa Shaashamannee kumaatamaan laakkaahamu qophii kana irratti kan hirmaate yoo tahju, hawaasicha bakka bu’uudhaan Sheik Kaamil Hasan dhaamsa dabarsee jira. Ummanni Muslimaa magaalaa Shaashamannee Bulchiinsa Majliisaa Seeraan Alaa ammas kan hin fudhanne tahuu ibsuun, hawaasni muslimaa magaalaa Shaashamannee Korree fala barbaadduu hawaasa muslimaa waliin tahuun qabsoo isaa itti fufuudhaaf qophii tahuu ibse.

Koreen Fala barbaadduu hawaasa muslimaa ammas gaafii ummataa kana bakkaan gayuudhaaf amaanaa isaanitti kenname ammas kan fudhatan tahuu mirkaneessanii jiru.

Qophii kana irratti CD Nashiidaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaaa “lammiin Lammiif”jechuun qopheessee galiin isaa ummata naannoo Somaalee irraa buqqifameef akka oolu gumaache gurgurtaa ficaalbaasiin kan geggeeffame tahuun beekameera

Dhuma Sagantaa kanaa irratti ammo Dura Ta’aan Majliisa Godina Arsii Lixaa Sheik Awwal Mahmuud, qopheessitoota Sagantichaa hayyama gaafachuun gara waltajjii bahuun “Kanaan booda fedhii ummataa malee Miseensa Majliisa seeraan alaa tahee itti hin fufu. Har’a irraa kaasee hujii kana gad lakkisee jira. Ummanni qabeenyaa fi Furtuu waajjirichaa narraa haa fudhatu. Hawaasni muslimaatis qabsoon majliisa seeraan alaa irratti geggeessaa jiru sirrii waan taheef cimsee itti fufuu qaba”jedhe.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button