header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Yaman Keessatti waggoota sadan dabran hanqina nyaataatiin qofa daa’imman 85,000 ol kan du’an tahuu gabaafame

Dhaabbatni ‘Save the Children’ daataa UN irratti hundaayuun qorannoo geggeesseen, lola Yaman keessatti waggoota sadihiif geggeefamaa jiruun wal qabatee hanqina nyaataa biyyattii keessatti uumameen, April 2015 hanga October 2018 yeroo jiru keessatti daa’imman 85,000 ol kan du’an tahuu beeksise. Akka gabaasa kanaatti lakkofsi kun kan daa’imman umriin isaanii waggaa shanii gadii hanqina nyaataatiin du’anii qofa yoo tahu, daa’imman dhibee koleeraa, haleellaa fi sababoota birootiin du’an kan hin dabalatne tahuu gabaafame.

 

Yaman keessatti Daayirektarri dhaabbata Save the Children Tamer Kirolos akka jedhetti, lolli Yaman hatattamaan furmaata yoo kan hin arganne tahe, waggaa waggaan daa’imman biyyattii dhibbeentaa 20 – 30% tahan sababa hanqina nyaataatiin balaa du’aatiif kan saaxilaman tahuu akeekkachiise. Dabalataanis lola torbaan lamaan dabran keessaa magaalaa Hudeeydaa keessatti hammaataa dhufeen, daa’imman 150,00 tahan balaa hamaaf kan saaxilaman tahuu gabaasni dhaabbatichaa kun ni mul’isa.

 

Ejensiin gargaarsa Daa’immanii UNICEF gama isaatiin akka jedhetti, waraana hamaa Yaman keessatti geggeefamaa jiruun walqabatee beelaa fi dhibeen guyyatti daa’imman 130 kan du’an tahuu beeksise.

 

Gamtaan biyyoota Arabaa Sa’udii fi Emreetiin hogganamu waggaa 3 fi ji’a jaha dura mootummaa Yaman deeggaruun finciltoota Huusii Iiraaniin deeggaraman irratti duula bal’a jalqabuun isaa ni beekama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button