header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaan gaaffii Masri Mana Marii Nageenyaatii dhiheessiteef deebisaa kennite

Mootummaan Masri torbee dabre gama ministeeraa haajaa alaa isaatiin, Ityoophiyaan hidha laga Abbaay ilaalchisee Masri fi Suudaan waliin walii galtee irra osoo hin gahin, hidhicha bishaaniin guutuu akka hin jalqabneef Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Nageenyaa Ityoophiyaa irratti dhibbaa akka godhu gaafatuun ni yaadatama.
Mootummaan Ityoophiyaatis Xalayaa kaleessaa June 22/2020 gama Ministeera haajaa alaatiin barreesseen, hidhi laga Abbaay naannichatti sababa walitti bu’iinsaa tahuu hin danda’u jechuun beeksise. Ministeerri haajaa alaa Obbo Gadduu Andaargachew xalayaa mana marichaatiif erge kanaan, hidhi laga Abbaay biyyoota yaa’aa gadi jiran lamaan kan miidhuuf karoorfame akka hin tahin ibsuun, Masri mariin biyyoota sadeen jiddutti geggeeffamaa jiru osoo hin xumuramin dhimmicha gara UN geessuun sirri miti jedhe.
Dabalataanis Ityoophiyaan xalayaa kana keessatti, Masri walii galtee zamana Kolonii kan Ityoophiyaa moggatti dhiibuun mallatteeffame akka yaada bu’uuraatti mariif dhiheessuun isii sirrii akka hin tahiniifi; mariin amma geggeeffamaa jirus dhimma bishaan laga Abbaay qooddachuu osoo hin tahin, adeemsa hidhicha bishaaniin guutuu qofa tahuu hubatamuu akka qabu ibsite.
Dhuma irrattis Ityoophiyaan ammas itti fayyadama bishaan laga Abbaay haqa irratti hundaaye ilaalchisee mari’achuuf qophii tahuu ibsuun, biyyoota yaa’aa gaditti argaman osoo hin miidhin ijaarsa hidhichaa xumuruuf garuu of duuba kan hin deebine tahuu mana marichaatiif ibsite.

GERDMGERDM

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button