OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Prezdaantiin Majliisa Naannoo Hararii Duraanii Toohannaa Jala Oolfame
Prezdantiin Majliisa Naannoo Hararii duraanii Muhammad Saabit eega aangoo irraa kaafamee booda, Qabeenya Majliisa magaalaa Harar deebisuu didee kan dhokatee ture yoo tahu, Ji’a tokko dura Poolisii naannichaatiin toohannaa jala akka oolfamu ajajni bahee barbaadamaa turee; guyyaa har’aa baatii tokko booda Magaalaa Finfinnee naannawa Qeeraatti toohannaa jala kan oolfame tahuun beekameera.
Amma dura yeroo Muummichi Ministeeraa Dr. Abiy Ahmad Koree dhimma hawaasa Muslimaa qoratu hundeessetti, Muhammad Saabit “Nuti Wahaabiyyaa waliin tokko hin taahu”jechuun jeequmsa kaasuuf yaalii godhaa turuun isaa ni yaadatama.