header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Briteen keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamanii miiliyoona 3 dabre


Briteen keessatti akaakuun vaayirasii koroonaa haarayni argamuu eega gabaafamee boodaa, weerarri vaayirasichaa haala hamaa taheen babal’ataa jira. Haaluma kanaan torbaan dabre irraa jalqabee, guyyatti lammiileen biyyattii kuma 50 ol vaayirasichaan qabamaa akka jiran gabaafame. kanuma hordofuun lakkoofsi lammiilee biyyattii vaayirasii koroonaatiin qabamanii miiliyoona 3 akka dabreefi, lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii ammoo 80,868 gahuu mootummaan beeksise.


Briteen keessatti weerara vaayirasii koronaa haarayatti deebi’ee hammaate kanaan walqabatee, Sabtii kaleessaa qofa namoonni 1,035 akka du’anii fi ammas namoonni kumaatamaan lakkaahamaan dhukkubbii cimaa keessa akka jiran ibsame.


Kanuma hordofuun, mootummaan biyyattii waggaa tokko keessatti yeroo sadaffaaf labsii yeroo muddamaa baasee jira. Dabalataanis lammiilee biyyatti miiliyoona 20 tahan, kanneen dhibee kanaaf caalatti saaxilamoo tahan dursanii talaallii akka fudhataniif duulli bal’aan jalqabamee jira.


Dhibeen vaayirasii koroonaa kun Chaayinaa keessattis deebi’ee kan ka’e yoo tahu, mootummaan biyyattii jiraattota kaaba magaalaa Beejiing miiliyoona 20 tahan irrati uggura sochii kaahee sakkata’aa jira.


Walumaagalatti guutuu addunyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamanii miiliyoona 90 fi kuma 100 kan dabre yoo tahu, namoonni 1,935,211ol tahan ammoo sababa vaayirasichaatiin lubbuu dhabanii jiru. Ameerikaa, Braaziil, Indiyaa fi Meeksikoon ammoo walduraa duubaan biyyoota lammiileen heddu sababa dhibee kanaatiin jalaa du’an akka tahan ragaaleen ni addeessu.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button