header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Salaalee anaa Dharraatti Koreen Majlisaa haarayatti hundaayuu gabaafame

Manni Maree Islaamaa Godina Salaalee guyyaa kudha shan dura magaalaa Fichee keessatti haarayatti hundeeffamuu gabaasuun keenna ni yaadatama. Manni marichaa haarayatti hundaaye kun saffisaan hujii majliisa aanaalee ijaaruutti kan seene yoo tahu, guyyaa hardhaatis aanaa Dharraa magaalaa Adaree keessatti, bakka bu’oota hawaasa muslimaa waliin marii kan geggeessan tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

Marii Majliisni Aanaa Dharraa qopheesse kana irratti Sheikh Misbaah Abdurrahmaan fi Sheikh Sa’id Muhammad (Albuukoo )koree ulaamaa’otaa bakka bu’uun, majliisaa Oromiyaa fi Majliisa Godina Salaalee irraa bakka buutonni marii kana irratti kan argaman tahuun beekamee jira.

Haaluma kanaan hoggantoonni majliisa godinichaa bakka bu’oota hawaasa muslimaa aanaa Dharraa Masjiidota gara garaa irraa walitti dhufan, marii bal’aa eega geggeessanii booda Koree Majliisa aanaa Dharraa haarayatti kan filatan tahuu gabaafame.
Koree Ulamaa’ii irraa namoota torba (7)
1.Sheik Amiinuu Nugusee
2.Sheik Hasan Indiree
3.Sheik Huseen Aadam
4.Sheik MuhammadAmiin Gabayoh
5.Sheik Muhee Diikkoo
6.Sheik Umar Sheik Muhammad
7.Sheik Ahmad Sheik Muhammad Sayid kan filataman yoo tahu,
akkasuma koree Boordii anichaatiif namoota shan(5 ).
1.kadiir Taaddasaa
2.Kadiir Sayid
3.Shibashii
4.Muhabbaa Daamxoo
5.Muhammad Muusaa filatamuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button