Itti gaafatamaan ijaarsa siyaasa baadiyyaa ODP Obbo Addisuu Araggaan akka ibsetti, “ummanni paartileen Oromoo akka walitti makaman haaluma gaafachaa tureen walitti makamnee hojjachuuf murteessineerra” jedhe.
Related Posts
Haaluma kanaan Itti aanaa dura taa’aa ODP Obbo Lammaa Magarsaa fi dura taa’aa ADO Obbo Leencoo Lataa, walii galtee walitti makamuu paartiilee lamaanii, har’a Waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti mallatteessanii jiru.