header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ajjeechaa daangaa Naannoo Oromiyaa fi Benshaangul Gumuz irratti raawwatame hordofuun hiriirri mormii geggeeffame

Lixa Oromiyaa keessatti ajjeechaa fi dararaan dhalattoota Oromoo irratti raawwatamu hammaatee kan itti fufe yoo tahu, daangaa naannoo Benshaangul Gumuuz fi godinalee Wallagaa Bahaa fi Horroo Guduruu keessatti, jalqaba torbaan kanaa qofa miseensoota poolisii Oromiyaa 10 ol dabalatee jiraattonni naannawa sanii heddu ajjeefamuu komishiiniin poolisii Oromiyaa ibse.

Dubbii himaan Koomishiinii poolisii Oromiyaa Komishinar Soorii Dinqaa, “humnoonni ajjeechaa kana raawwatan hidhattoota meeshaa Waraana gurguddaa hidhatan akka tahanii fi yeroo heddu Naannoo Benshaangul Gumuz irraa gara daangaa Oromiyaa ce’uun haleellaa raawwata jiraachuu”BBC’f hime.

Kanuma hordofuun, Jiraattonni Godina Wallaggaa Bahaa guyyaa kaleessaa irraa kaasee magaalota heddu keessatti, “ajjeechaan daangaa Oromiyaa irratti hidhattoota Benshaangul Gumuziin raawatamaa jiru akka nurraa dhaabatu”jechuun hiriira mormii geggeessa jiran. Guyyaa kaleessaa magaalaa Naqamtee keessatti hojjattoonni mootummaa hiriira mormii kan geggeesan yoo tahu, guyyaa har’aatis magaalaa Shaambuu fi Naqamtee dabalaatee jiraattonni lixa Oromiyaa hiriira mormii geggeessaa jiran.

#Hidhattoota_Benshaangul_Gumuz #Lixa_Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button