header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waldorgommiin Hifzii Qur’aanaa Guddaan Magaalaa Finfinnee keessatti geggeefamaa jira

Waldorgommiin Hifzii Qur’aanaa yeroo lammaffaatiif sadarkaa biyyoolessaatti qophaaye kun har’a magaalaa Finfinnee galma Miliiniyeemii keessatti kan jalqabamee yoo tahu, ummanni kuma heddutti lakkaahamu sagantaa kana irratti kan argame tahuun beekamee jira.

 

Qopheessitoonni sagantaa kanaa akka jedhanitti, dorgomtootaaf badhaasni gara garaa kan qophaaye yoo tahu, nama tokkoffaa bahuun injifatuuf badhaasni konkolaataa kan qophaaye tahuu beeksisan. Dabalataanis waldorgommii kana fuulduraaf sadarkaa Baha Afrikaatti qopheessuudhaaf yaada kan qaban tahuu ibsan.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button