header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Siri Lankaa reefa namoota muslimaa gubuu isaatiin hawaasa muslimaa biyyattii dallansiisuu gabaafame

Mootummaan Siri Lankaa reeffa namoota muslimaa lama kanneen sababa dhibee Vayirasii Kooroonaatiin du’an, sirna awwaalcha Islaamaa dhoorkee gubuu (cremation) raawwachuu isaa hordofuun, dhaabbileen mirga namoomaa fi muslimoonni biyyatti gochi kun mirga amantaa kan cabse jechuun dallansuu isaanii ibsataa jiran.

Maatiin namoota du’anii akka jedhanitti, mootummaan reefa firoottan isaanii irratti Salatul Janaazaan akka hin salaatamne dhoorkuu qofa osoo hin taane, sirna awwaalcha isaanitis akka aadaa Islaamaatti akka hin raawwatamne dhoorkuudhaan gubuun (Cremation) raawwachuun sirrii akka hin tahin ibsan.

Ministeerri Fayyaa biyyattii Kiibxata dabre ibsa baaseen, “tamsa’ina Vayirasichaa to’achuuf jecha, reefa namoota du’anii hunda mootummaan haala addaatiin waan gubuuf, sirni awwaalchaa aadaa Islaamaa addatti kanaan dura geggeeffamaa tures hafee jira”jedhe.

Dhaabbilee mirga namoomaa kanneen akka Amnesty International dabalatee hoggantoonni hawaasa muslimaa biyyattii gama isaaniitiin, qajeelfamni dhaabbata fayyaa addunyaa reeffi namoota sababa Vayirasii koroonaatiin du’anii of eeggannoon akka awwaalamu kan hayyamu tahuu ibsuun, mootummaan fedhii hawaasaatiin ala reeffa namoota du’anii dirqiin akka hin gubne gaafatan.

 

3 Comments

  1. AkKami ummat nural huda ani kani jechuu barbbadu tiv…Nuralhuda magalla harawach yom dhuffa latta

  2. Dhmma Haala Yaroorratti Ummanni Maal Godhuutu Irra Jiraata Mee Waan Kana Nuuf ibsaa Waa.ee Salaata Taawiihii Soomanaan Wal Qabatee Yoo Dhibdeen kuni Kan Itti Fufu Ta.e Nuuf Baayaan’saa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button