OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Prezdaantiin Jibuutii Ismaa’il Umar Gilee fi Prezdaantiin Suudaan Umar Hasan Al-Bashiir Jimma Seenan

Muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad dabalatee qondaaltonni mootummaa federaalaa fi naannoo Oromiyaa ganama har’aa buufata Xiyyaara Abbaa Jifaaritti argamuun, hoggantoota biyyoota lamaanii simataniiru. Barreessaan koree fala barbaadduu hawaasa muslimaa Ustaaz Ahmaddiin Jabalis sirna simannaa hoggantootaa irratti kan argame tahuun beekamee jira.

Hoggantoonni biyyoota lamaanii Dr Abiy waliin tahuun sirna eebba projektoota magaalaa Jimmaa keessatti ijaaramanii irratti kan hirmaatan yoo tahu, dabalataanis dhimmoota diinagdee fi hariiroo biyyoota sadeenii cimsuu  irratti mari’achuudhaaf kan karoorfatan  tahuus ibsi waajjira ministeera haajaa alaa irraa bahe ni addeessa.

Comment

Related Articles

Back to top button