Magaalota Faransaay keessatti poolisii fi mormitoonni walitti bu’uun gabaafame
Lammiileen Faransaay kumaatamaan lakkaahaman mootummaan gibira boba’aa irra kaahe akka haquu fi qaalaya jireenyaa biyyattii keessatti hammaataa dhufeef deeggarsa diinagdee akka isaanii godhu gaafachuudhaan, November 17/2018 irraa eegalee Paaris dabalatee magaalota biyyattii heddu keessatti hiriira geggeessaa jiran.
Mormii hamaa Faransaay keessatti babal’ataa dhufe kana qabaneessuuf jecha, mootummaan biyyattii guyyaa dheengaddaa gibira boba’aa irra kaahe yeroodhaaf kan kaase tahuu ibsee ture. Haa ta’u malee mormitoonni huccuu boora uffatan kan ‘yellow Vest Protesters’ jedhaman Sabtii hardhaatis magaalaa Paaris keessatti poolisoota waliin kan walitti bu’an tahuu gabaafame. Mormiin kun gara biyyoota ollaa kanneen akka Beeljiyeem fi Neezarlaandittis kan babal’ate tahuu gabaasni arganne ni ibsa.
Mormii torbee dabre magaalaa Paaris keessatti geggeefame hordofuun hokkara ka’een, lubbuun namoota sadihii dabruun namoonni 1000 ol ammoo kan madaayan tahuun beekamee jira. Dabalataanis gamoowwan daldalaatii fi konkolaatonni heddu ibiddaan gubamanii jiru.