header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Koomishiiniin Filaannoo Keeniyaa, Filaannoo irra deebii prezdaant Uhuruu Keenyataa Injifatuu labse.

Filaannoo prezdaantummaa Keeniyaa irradeebii  yeroo lammaffaatiif geggeefameen, ammas Prezdaant Uhuuruu Keenyaataa  injifatuu Koomishiinni Filaannoo Keeniyaa IEBC guyyaa hardhaa labse.

Hogganaan Koomishiinii Filaannoo Wafulaa Chabukatii

“Kaadhimamaa Prezdaant Uhuuruu Keenyaataa fi itti Aanaa Prezdaantii Wiliyaam Ruutoo baga gammaddan” jechuun kan injifatan tahuu labse.

Filaannoo August 8/2017 geggeeffamee tureen,  Koomishiiniin Filaannoo (IEBC) prezdaant Uhuuruu Keenyaataa injifatuu eega labsee booda, manni murtii olaanaa iyyannoo paartiin mormitu NASA dhiheeffate irratti hundaa’uun bu’aan  filannoo  sanii seeraan ala jechuun kuffise. Akkasumas filannoon harayni irra deebifamee onkololeessa 26/2017 akka geggeeffamu murteesse.

Paartiin mormituu NASA kan kaadhimamaa Prezdaantii Raayilaa Odingaa tiin durfamu immoo, qondaaltonni Komishinii Filannoo hanga aangoo lakkisaanitti kan hin hirmaanne fi ummannis bahee akka hin filanne  gaafate.

Filaannoo Onkololeessa 26/2017 geggeeffame kanaan, Uuruu Keenyaataa sagalee miliyoona torbaa ol( 98% ) argachuun filatameera.
Filaannoo kanaaf lammiileen Keeniyaa 19,611,423 kan galmaa’an yoo tahu, namoonni 7,616,217 qofti kan Sagalee kennatan tahuus beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button