header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Dillaa keessatti Konfiransiin guddaan geggeeffame

Guyyaa har’aa naannoo Kibbaa Magaalaa Dillaa kessatti Konfiransiin Jama’aa Dargaggoota Ummu Aymaniin qophaa’e geggeeffame. Sagantaa kana irratti Ustaaz Muhammad Faraj fi Ustaaz Muhammad Musxafaa magaalaa Finfinnee irraa affeeramanii jiru.

Konfiransii kun mata duree Tokkummaa jedhuun kan qophaa’e yoo tahu, Ustaaz Muhammad Faraj fi Ustaaz Muhammad Musxafaa mata duree kanaan walqabate tokkummaa hawaasa muslimaa fi hammeenya Firqaaan qabu Irratti hawaasa muslimaatiif dhaamsa dabarsaniiru.

Ulamaa’onni fi Hawaasni muslimaa magaalaa Dillaa fi naannawa sanii lakkoofsaan heddu tahe saganticha irraa qooda kan fudhatan tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button