header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Koree jijjiirama dhaabbiilee hawaasa muslimaa waliin mari’aate

Mariin guyyaa hardhaa waajjira muummicha ministeeraa keessatti geggeefame kun,  hojii  koreen guyyaa hundeeffame irraa kaasee rakkoowwan hawaasa muslimaa hiikuuf hojjataa ture irratti kan xiyyeefate tahuu gabaasni waajjiira muummicha ministeeraa irraa bahe ni addeessa.

 

Dabalataanis muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad wal dhageettii hawaasa muslimaa jiddutti cimaa dhufe, akkasumas dhaabbata tokkumma hawaasa muslimaa cimaa ta’e hundeessuuf carraaqqii godhamaa jiru bulchiinsi isaa kan dinqisiifatu tahuu ibsame. Dabalataanis walii galtee hawaasa muslimaa kana danquudhaaf sochii seeraan ala godhamu  ittisuudhaaf,  mootummaan deeggarsa barbaachisu hunda ni kenna jechuu isaa gabaasni arganne ni addeessa.

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button