header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Godina Hadiyyaatti hawaasni Muslimaa iddoo Qabrii fi Masjida itti ijaaratan dhoorkaman

Naannoo sabaa fi sablammoota ummata kibbaa godina Hadiyyaatti hawaasni Muslimaa Masjidaa fi manneen jireenyaa akka hin ijaaraanne dhoorkamuu Majlisni godinichaa beeksise.

Majlisni xalayaa bulchinsa godinichaaf barreesseen, caasaa mootummaatin dararaan hawaasa Muslimaa godinichaarratti hammaatuu ibse.

Akkasumas Muslimoonni manneen jireenyaa akka hin jaaranne, Masjidaa fi qabrii akka godhanne dhoorkamuu kaase. Bakka tokko tokkotti ammoo Masjidoonni duraan turan diigamuu fi akka hin haaromsine dhoorkamuus ibsan.

Xalayaa kanarrattis iddoowwan 5 kan Masjidoonni akka hin ijaaramnee fi ijaarsi jalqabame akka dhaabbatu godhaman tarreessee jira. Bulchinsi godinichaa mirga amantaa ofii geggeeffachuu heerri biyyattii kenne akka kabachisiisu gaafatan.

3 Comments

  1. Assalamu Aleykum warahmatullahi wabarakatuhu

    nagayan rabbi bakka isiin jirtanitti isiin haa gayuu yaa gabrottan rabbii

    mashaa Allah dalagan tessan nama gammachiifti

    jabadhaa itti fuufa

  2. Asalamoleykum worahmatulahi wobrakatu yaaa rabbii murrtiin keetu cala obboleeyan kenyaf murtii qabu nudhageesisi yaa allha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button