Chaayinaan “Islaamummaa fi Soshaalizimii wal simsiisuu”sababa jedhuun qajeelfama haaraya kan baaste tahuu gabaafame

Mootummaan Chaayinaa dhiibbaa muslimoota biyyattii irratti godhu hammeessee kan itti fufe yoo tahu, amma ammoo maqaa “Islaamummaa fi soshaalizimii wal simsiisuu”jedhuun, qajeelfama haaraya muslimoonni akka ittiin hogganaman dirqisiisu kan baase tahuu gaazexaan biyyattii Global Times jedhamu gabaase.
Akka gabaasa kanaatti Chaayinaan waggoota shanan dhufan keessatti “Islaamummaa sirna biyyattii Soshaalizimii waliin wal simsiisuu”maqaa jedhuun, duula Islaamummaa fi muslimoota biyyattii irratti jalqabde cimsitee itti fufuuf kan karoorfatte tahuu odeeyfannoon ni mul’isa. Mootummaan biyyattii Sabtii kaleessaa dhaabbilee Islaamaa walitti qabuudhaan qajeelfama haaraya irratti ibsa kan kenne tahuu gabaafame. Haa ta’u malee xiyyeefannoon qajeelfama kanaa maal akka tahe hin beekamne.
Chaayinaan kanaan duras yeroo adda addaa qajeelfamoota muslimoota biyyattii irratti dhiibbaa godhan kan baasaa turte yoo tahu, madarasaalee barnoota diinii kennan cufuu, dubartoonni hijaaba akka hin uffanne dhoorkuu, manguddootaan alatti namoonni biroo masjiidota keessatti akka hin salaatne ugguruu dabalatee tarkaanfiiwwan hamaa tahan kan fudhataa turte tahuun ni beekama.