“‹”‹Bidiruun baqattoota 100 ol fe’attee deemaa turte dhidhimuun lubbuu nama hedduu galaafatte.
Dhaabbanni deggarsa Medicins Sans Frontieres(MSF) jedhamu, bidiruun baqattoota lakkofsaan hedduu tahan fe’atte naannawa qarqara galaana Liibiyaatti dhidhimuu ifoomse. Lubbuun nama 100 olii galaafatamuu akka hin oollees beeksise.
Dhaabbatichi odeyfannoo fuula Twitter isaa irratti baaseen ‘maal akka mudate namuu beekuu hin dandeenye. Tahus lubbuun baqattoota 100 olii galaafatamte jannee akka amannuuf sababa garagaraa qabna’ jedhe.
Gareen deeggarsa Watch The Mediteranian jedhamu, kan dhaamsa birmannaa baqattoota galaana Meditraaniyaan qaxxaamuraa jiranii fuudhuun mootummoota fi dhaabilee gargarsaaf dabarsuun beekamu, guyyaa kaleessa odeyfannoon bidiruun baqattoota 100 ol fe’atte dhidhimuu kan isa gahe tahuu dursee ibse ture. Haa tahu malee lakkoofsi namoota lubbuun galaafatamee hagam akka tahe hin ibsine.
Balaa kana ilaalchisee haga ammatti ibsi mootummaa Liibiyaa irraa Kenname tokkolleen hin jiru.
Dooniin dhaabbata deeggarsa Open Arms jedhamu kan guyyoota 19 guutuu baqattoota 100 ol fe’attee deemaa turte, buufata Xaaliyaan akka hin dhaabanne dhorkamte turte, kaleessa galgala qarqara Lampedusa jedhamu akka dhaabbattu kan hayyamameef tahuu odeyfannoo ni addeessa.
Assalaamu Aleyi kum warah matullaahi wabara kaatuhuu
maashaa Allaah Sagantaa Raadiyoo Nuural Hudaa Hundi isaatuu baayyee namatti Tola. Maashaa Allaah jenneerra Haaluma kanaan itti Fufaa isin jaalannaa!
as wr wb gaafiidhaan qaba