header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mariin nageenyaa  Ameerikaa fi  Xaalibaan jiddutti geggeeffamaa ture bu’a qabeessa tahuu gabaafame

Lola Afagaanistaan keessatti waggoota 17 dabran Xaalibaan fi Ameerikaa jiddutti geggeeffamaa jiru dhaabuuf,  mariin nageenyaa Qaxar  keessatti  geggeeffame bu’a qopheessaa tahuu gabaafame.  Mariin magaalaa Dohaa keessatti guyyoota jahaaf geggeeffamaa ture Sabtii kaleessaa kan xumurame yoo tahu, Afgaanistaanitti bakka bu’aan addaa mootummaa Ameerikaa Zalmay Khalilzaad  marii kana ilaalchisee gama Twitter isaatiin yaada kenneen, “mariin Dohaa keessatti geggeessine mariiwwan kanaan dura godhaman hunda caalaa bu’a qabeessa kan taheefi, dhimmoota gurguddoo jidduu keennatti danqaa turan hiikuu irratti fooyya’iinsi guddaan kan argame”jechuun ibse.

 

Haaluma wal fakkaatuun  qondaaltonni Xaalibaanis yaada kennanin, marii Dohaa kana irratti humnoota biyya alaa hunda Afgaanistaan keessaa baasuu dabalatee, dhimmoota gurguddoo heddu irratti wal hubannaan cimaan kan uumame tahuu beeksisan.  Dubbi himaan Xaalibaan Zabihullaah Mujaahid Aljaziiraaf akka himetti  “maricha irratti ejjannoon Emreeta Islaamaa Afgaanistaan ifa ture: Kunis, hanga humnoonni biyya alaa hundi Afgaanistaan keessaa bahanitti walii galteen tokkolle hin geggeeffamu kan jedhu yoo tahu, haaluma kanaan gamni kuunis ejjannoo kenna kana hubatee jira”jedhe.

 

Haa ta’u malee Ameerikaa fi Xaalibaanis dhuma wal gahii kanaa irratti walii galtee dhukaasa dhaabuu tokkollee kan hin mallatteessin tahuu ibsuun, dhimmoota hafan kanneen biroo goolabuudhaaf marichi dhiheenyatti kan itti fufu tahuu ibsan.

 

Gama birootiin ammoo prezdaantiin Afgaanistaan Ashraf Ghaanii,  mariin Ameerikaa fi Xaalibaan jiddutti geggeeffamaa jiru kun,  mootummaa biyyattii bulchaa jiru hirmaachisuu qaba, jechuun komii mootummaa isaa ibsee jira.  Gareen xaalibaan ammoo,  mariin kallattiidhaan gantoota humnoota alaatiin deeggaramuun taayitaa qabatan waliin geggeessinu tokkollee hin jiru, jechuun beeksise. Ameerikaan gama isiitiin, Xaalibaan waliin walii galtee mallatteessuun duratti,  mootummaan Afgaanistaanii fi gareen Xaalibaanis kallattiidhaan marii jalqabuun murteessaadha, yaada jedhu kan deeggartu tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button