header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Dingateetti Sagantaan Muhaadaraa guddaan geggeeffame

Godina Harargee lixaa aanaa Gammachiis magaalaa Dingateetti guyyaa hardhaa Sagantaan Muhaadaraa guddaan kan geggeeffame yoo tahu, sagantaa kana irratti jila da’awaa fi iyyaaffannoo Sheikh Amiin Ibrootiin durfamu dabalatee keessummoonni kutaalee Oromiyaa gara garaa irraa affeeraman argamuun qooda kan fudhatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dabalataanis hawaasni Muslimaa naannawa sanii masjiida ijaarachuuf deeggarsa maallaqaa fi beeyiladaa kan gumaache tahuus beekameera.

Keessummoota sagantaa kana irratti argaman jidduu:
Sheikh Amiin Ibroo
Sheikh Abdallah Sheikh Ibrahiim
Ustaaz Xaalibuu Ridallaah
Munshid Sheikh Mikaa’il Huseen fi keessummoonni birootis jiraatuu beekameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button