header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

ICJ’n dhimma Gazzaa irratti tarkaanfiin yeroo akka fudhatamu ajaje

Olmaya Gazzaa January 26, 2024

Manni Murtii haqaa idil Addunyaa kan The Heague keessatti argamu, himannaa Israa’el irratti Afriikaa kibbaan baname hordofee, tarkaanfiiwwan yeroo fudhatamuu qabanirratti murti kennee jira.

Tarkaanfii yeroo Israa’el irratti murame Kanaan Manni murtii Haqaa idil Addunyaa (ICJ) ‘Israa’el gochoota gargaarsa gara Gazzaa seenu gufachiisu raawwatuurraa akka of qusattuu fi haala namoomaa fooyyeessuu akka qabdu gaafateera.’

Akkasumas Israa’el humna qabdu hundaan, dachii Gazzaa irratti gochaa sanyii duguuggaa raawwatamaa jiru dhaabuudhaaf, waan dandeettu hunda akka raawwattuu fi gochaawwan sanyii duguuggaa irratti xiyyeeffatan irratti tarkaanfii akka fudhattu ajaje.

Haa ta’u malee tarkaanfiin yeroo kan mana murti haqaa Kanaan kenname, akka Israa’el waraana Gazzaa irratti raawwataa jirtu dhaabdu hin gaafanne. Tarkaanfiiwwan Afriikaan Kibbaa iyyannoo keessatti gaafatte keessaa inni ijoon waraanni akka dhaabatu kan gaafatu ture.

Manni murtichaa tarkaanfiiwwan yeroo ajaje kun gama seeraatiin dirqamsiisaa akka ta’an akeekee jira. Qaamni tarkaanfiin yeroo kun irratti kenname ajaja kana hordofuu akka qabu ibsee, Israa’el ji’a tokko keessattis wantoota ajajamte raawwataa jiraachuu isii kan garsiisu gabaasa dhiheessuu qabdi.

Dabalataan manni murtichaa, Hamaas, booji’amtoota gaafa October 7 hidhe cufa akka gad lakkisu gaafateera.

Afrikaan Kibbaan iyyannaa isii keessatti tarkaanfiin yeroo sagal akka fudhatamu gaafattee turte. Sunniinis, waraanni Gazzaa irratti raawwatamaa jiru akka dhaabatu, Lammiilee Falasxiin humnaan buqqisuun akka dhaabbatu, Gargaarsa namoomaa gara Gazzaa seenu akka hin dhoorkine, Yakka duguuggaa sanyii raawwachuurraa akka of qusattu, fi ragaalee yakki duguuggaa sanyii raawwatamuu isaa garsiisan barbadeessuurraa akka of qusattu kan keessatti qabateedha.

Manni Murtii haqaa idil Addunyaa aangoon inni qabu biyyoota irratti qofa waan ta’eef, murtiin isaa kan yeroo kun Israa’el qofa laallata. Hamaas garee waan ta’eef, Hamaasiin ajajuu hin dandayu.

Murtiin yeroo Mana Murtii Haqaatiin kennamu kun gama seeraatiin Israa’el akka seerichaaf bitamtu kan dirqamsiisu ta’us, manni murtichaa murtee kana dalagaa irra akka ooluuf Israa’el irratti dhiibbaa godhuu hin danda’u. Amma booda Israa’el waan ajajamte kanniin hojjatuu yoo didde, biyyoonni miseensa Mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii ta’an Israa’el irratti qoqqobbiin akka kaayamu gaafatuu ni danda’an.

Mootummaan Israa’el guyyama Afriikaan Kibbaa himannaa jalqabderraa kaasee, murtiin The Heague irraa kennamu tarkaanfii Gazzaa irratti raawwataa jirtu kan isii dhaabsisu akka hin taane dubbataa turteerti. Harras murti kenname hordofee Muummichi Ministeera Israa’el Beniyamin Netaaniyaahuu deebii kennee jira.

Murtiin kun kan qaama tokkoof loogeedha. Israa’el akkuma biyya kamuu haqa isiitiif jecha waraana kana godhaa jirti. Badii isitti as deemu hambisuuf jecha of ittisaa jirti” jedhe.

Abbootii murtii murtee harraa irratti hirmaatan keessaa lammii Yugaandaa tan taate Julia Sebutinde qofatu Israa’el deeggaruun murtee kenname morme. Kana hordofuun Ambaasaaddara Yugaandaa kan ta’e Adonia Ayebare murtee Julia balaaleeffateera. “Tarkaanfiin Sebutinde fudhatte kan mootummaa Yugaandaa bakka bu’uu miti. Yugaandaan yeroo hunda rakkoo ummata Falasxiin cinaa dhaabbatti” jechuun X irratti barreesse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button