header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ogeeyyonni UN Israa’el Gaazaa keessatti yakkoota dhala namaa rawwaachuu beeksisan

Mormii lammiileen Falasxiin bara 2018 Gaazaa keessatti geggeessaa turan ukkaamsuudhaaf, waraanni Israa’el Falasxiinota heddu ajjeesuun ni yaadatama. Kanuma hordofuun dhaabbanni mootummoota gamtoomanii Komishiinii addaa hundeessuun, garee ogeeyyotaa ajjeechaa kana qoratu gara Gaazaatti bobbaasee kan ture yoo tahu, gareen kun qorannoo geggeessaa ture xumuruun gabaasa baaseen, Israa’el Gaazaa keessatti yakkoota dhala namaa (Crimes against humanity) raawwachuu ragaalee qabatamaa kan argate tahuu beeksise.

 

Walitti qabaan Komishiinii qorannoo addaa ogeeyyota UN Santiago Canton ibsa Khamiisa har’aa kenneen akka jedhetti, “loltoonni Israa’el Gaazaa keessatti seera addunyaa cabsuu qofa osoo hin taane, lammiilee Falasxiin irratti yakkoota dhala namaa fi yakkoota waraanaa heddu raawwatanii jiru”jedhe.

 

Bifleewwan waraana Israa’el ogeeyyota fayyaa, gaazexeessitoota, daa’imman fi namoota hir’ina qaamaa qaban ifatti osoo argan, fageenya irraa alaamanii dhukaasuun ajjeesaa turuu isaanii ragaaleen qabatamaa kan argaman tahuu gabaasichi ni addeessa. March 30-December 31/2018 yeroo jiru keessatti qofa,  lammiileen Falasxiin harkaa qullaa mormaa turan 6,000 ol biflee waraana Israa’eliin kan rukutaman tahuu qorannoon kun ni mul’isa.

 

Komishiinii addaa UN kun, qorannoo kana geggeessuuf namoota miidhaman 325 akka dubbisee fi dokumantiiwwan addaa addaa 8,000 ol kan qorate tahuu beeksise. Dabalataanis suuraalee fi Viidiyoowwan dirooniin waraabaman heddu walitti qabuun qorachuu beeksise.

 

Israa’el “namoonni rukutaman warra gocha shororkeessummaa raawwachuuf sochii irra turan”jechuun mormaa turte. Haata’u malee qorattoonni UN  “mormiin Falasxiinotaa kaayyoo ifa tahe kan qabuu fi karaa nagayaatiin geggeeffamaa ture”jechuun himannaa Israa’el kuffisan.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button