Gamtaan Awrooppaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota baha Afrikaa rakkoo caamaatiif saaxilamaniif deeggarsa yuuroo miiliyoona 50 kan kennu tahuu ibse
Hanqina roobaatiin wal qabatee rakkoo Caamaa naannawa baha Afrikaa keessatti muudateen, hawaasni naannichaa keessumattuu horsiisee bulaan beelaa fi hanqina bishaanii hamaaf saaxilamuu ibsi Gamtaa Awrooppaa irra bahe ni mul’isa. Haaluma kanaan gamtichi ummata rakkoo caamaatiin miidhame kana deeggaruuf Yuuroo miiliyoona 50 kan kennu tahuu ibse.
Gamtaa Awrooppaatti daayrektarri deeggarsa namoomaa akka ibsetti, maallaqa kana keessaa miiliyoonni 25 Somaaliyaaf, miiliyoonni 20 Ityoophiyaaf, miiliyoonni 3 Keeniyaaf, miiliyoonni 2 ammoo Ugaandaaf kan kennamu ta’uu beeksise.
Deeggarsi kun daa’imman umriin isaanii waggaa 5 gadi ta’an, haawwan ulfaa fi haawwan harma hoosisaniif nyaata madaalawaa fi tajaajila fayyaa bu’uuraa dhiyeessuuf kan oolu tahuu ibsame.