header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Ityoophiyaan wal dhabbii Somaaliyaa fi Keeniyaa jiddutti uumame furuuf carraaqqii jalqabuu beeksiste

Somaaliyaan bara 2014  “Keeniyaan dangaa galaanaa kiyya seeraan ala cabsite “jechuun mana murtii addunyaatti himatte. Garba Hindii irratti wal dhabbiin Somaaliyaa fi Keeniyaa jidduu yeroo dheeraaf ture kun hammaataa dhufuun, torbaan lama dura “Somaaliyaan naannawa galaanaa wal dhabbiin irratti ka’e  keessatti sochii qorannoo boba’aa jalqabdee jirti” jechuun,  Keeniyaan Ambaasaaddara Somaaliyaa biyya isii keessaa baste.

Mootummaan Ityoophiyaa Wal dhabbii biyyoota lamaan jiddutti hammaataa dhufe kana furuudhaaf carraaqqii kan jalqabe yoo tahu, guyyaa lama dura prezdaant Uhuruu fi Dr. Abiy Ahmad Finfinnee keessatti dhimmacha irratti kan mari’atan tahuun beekameera. Haaluma walfakkaatuun, prezdaantiin Somaaliyaa Muhammad Abdullaahi Farmaajoo ganama har’aa gara Finfiinnee imaluun Dr. Abiy Ahmad waliin mari’atee jira.

Waajjirri muummicha ministeeraa ibsa galgala kana baaseen ammoo Prezdaant Farmaajoo fi Dr. Abiy wal dhabbii Somaaliyaa fi Keeniyaa kana irratti prezdaant Uhuuruu Keeniyaataa waliin mari’achuuf gara Naayiroobii kan imalan tahuu beeksise.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button