header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Xiyyaaronni waraana Israa’el Gaazaa keessatti haleellaa raawwatuu gabaafame

Waraanni Israa’el ibsa baaseen akka jedhetti, Alhada har’aa rokkeetii Gaazaa irraa gara Israa’elitti dhukaafame hordofuun, xiyyaaronni waraana Israa’el Gaazaa keessatti iddoo lama rukutuu beeksise. Akka gabaasa kanaatti dooniwwan falasxiinota lama fi buufata loltoota Hamaas kan rukutame tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Haleellaa kana ilaalchisee qondaaltota Falasxiin irraa hanga ammaatti ibsi kenname kan hin jirre yoo tahu, Israa’el ganama har’aa dooniwwan Falasxiinotaa Kaaba Gaazaatti qurxummii qabaa turan irratti dhukaasa banuun namoota heddu ukkaamsitee kan deemteen tahuu Anaadooluu Niiwus gabaase.

 

Odeeyfannoo wal fakkaatuun loltoonni Israa’el ganama har’aa West Bank keessatti konkolaataa irratti dhukaasa bananiin lammii Falasxiin tokko kan ajjeessan tahuu qondaaltonni Fayyaa Falasxiin beeksisan. Israa’el guutuu Falasxiin keessatti ajjeechaa fi hidhaa raawwattu kan hammeessite yoo tahu, ajjeechaan Israa’el Falasxiinota irratti raawwataa jirtu yakkoota waraanaa fi yakka dhala namaa tahuu qorattoonni UN torbee dabre gabaasuun ni yaadatama.

 

Haleellaa Israa'el1

One Comment

  1. As,wr,wb qophiileen keessan hundi barsiisoodha sagantaa fatwaa sagaleedhaan akka download godhannutti osoo nuuf sirreeysitanii haalaan gaariidha .Jz klw kheeyran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button