header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Kooriyaan Kaabaa toora interneetii Cabsuun (Cyber attack)  Dolaara Biiliyoona lama ol kan saamte tahuu gabaafame

Kooriyaan Kaabaa toora interneetii biyyoota hedduu Cabsuun (Cyber attack) Doolara Biiliyoona lama ol eega saamtee booda, maallaqa kana ijaarsaa meeshaa waraana Niwkilaritiif kan oolchaa jirtu tahuu,  sanada dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalaa miliqee bahe waabefachuun BBC’n gabaase.

 

Akka gabaasa kanaatti, Piyongiyang maallaqa kana walitti qabachuuf, dhaabbilee maallaqa dijitalaa kan akka crypto-currency irratti kan xiyyeefatte tahuu ibsame. Gabaasni Koree qoqqobbii Mana Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalaa miliqee bahe akka mul’isutti,  biyyattiin interneetii butuun(Cyber attack) dhaabbilee faayinaansii fi maallaqa dijitaalaa daddabarsan yeroo heddu kan saamte tahuu mul’isa.

 

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniitti Manni Marii Nageenyaa Bara 2016 irraa eegalee, Kooriyaan Kaabaa maallaqa gara biyyoota biroo akka hin argane qoqqoobbii cimaa kan irra kaahe tahuun ni beekama.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button