header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa gabaasa “paayileetiin Xiyyaara kufee leenjii gahaa hin qabu”jedhu soba jechuun haale

Gaazexaan New York Times fi Reuters paayileetiin xiyyaara Ityoophiyaa torbe darbe kufee lubbuu namoota 157 galaafate ofaa ture ‘leenjii barbaachisu hin fudhanne’ jechuun eega gabaasanii booda, daandiin qilleensa Ityoophiyaa gabaasichi soba jechuun ibsa baase.

Miidiyaaleen idil addunyaa lamaan, nama daandii xiyyaarichaa keessa beeku tokkoo fi paayileetii daandii xiyyaarichaa maqaa isaa himachuu hin feene waabeffachuun akka gabaasanitti, “Paayileetiin xiyyaara Itoophiyaa Boeing 737 Max 8 kufee caccabee Kapiteen Yaareed Geetaachoo leenjii haaromsaa xiyyaara gosa kanaa balaliisuu dandeessisu hin fudhanne, paayileetichi xumura ji’a Bittotessaa kanatti leenjicha akka fudhatu saganteeffamee ture”jechuun gabaasan.

 

Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa ibsa har’a baaseen, paayileetonni isaa leenjii Xiyyaarota Boeing 737 Max 8 ofuuf barbaachisu hunda fudhachuu beeksise. Balaa baatii shan dura xiyyaara Indoneezhiyaa muudate booda, qajeelfama yeroo balaa tasaa kaampaani Boeing fi Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa (FAA) irraa kennames paayileetonni hundi leenji’aniiru jedhe.

 

 

6 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button