header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mootummaan Jibuutii, Somaliland fi Somaliyaa jiddutti jaarsummaa jalqabeSomaliland waggaa 29 dura mootummaa jiddu galeessa Somaaliyaa irraa fottoquun bulchiinsa walbaa mataa isii kan hundaaffatte tahuun ni beekama. Somaliland hanga har’aatti guutuu addunyaa irraa beekamtee tokkollee osoo hin argatin kan turte tahus, waggoota dheeraaf kutaa Somaaliyaa kan biroo irraa haala adda taheen tasgabbii fi sochii diinagdee fooyya’aa qabdi.
Haata’u malee mootummaa jiddu galeessa Somaaliyaa fi bulchiinsi Hargeeysaa, garaa garummaa jidduu isaanii jiru karaa nagayaatiin furuuf mariin kanaan dura godhan osoo hin milkaahin ture.
Jaarsummaa mootummaan Jibuutii haarayatti amma jalqabe irratti hirmaachuuf Prezdaantiin Somaaliland Musee Buhi fi Prezdaantiin Somaaliyaa Muhammad Abdullahi Farmaajoo magaalaa Jibuutii kan seenan tahuunis beekamee jira.

Hoggantoonni biyyoota baha Afrikaatis marii kana irratti hirmaachuuf garisitti imalaa jiran. Haaluma kanaan jilli mootummaa Ityoophiyaa muummicha ministeeraa Dr. Abiy Ahmadiin durfamu ganama har’aa Jibuutii kan seene tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button